Akka lakkoofsa faranjiitti 1986, obboleewwan lamaan kan Basit fi Amjad Farooq jedhaman Software kan hospitala keessaa ittiin dhahannaa onnee namaa safaran kalaqan. Yeroosanatti Umuriin obbolaawwan kanneenii 17 fi 24 ture. Softaware kalaqan kanas biyyoota kannen akka Awurooppaa fi Eeshiyaatti gurgurachuu eegalan.
kanumaan osoo jiranuu waggaa tokkoo booda biyyaa hedduutti software isaanii copy jalaa godhanii hospitaala hedduu kessatti fayyadamuu eegalan. Kana booda aarirran kan ka'e Obboleewwan lamaan software isaanii kan jalqabaa update (fooyyessanii virus Brain jedhamu itti dabaluun) goonerra jedhanii dhossaadhan virus itti eda'an. Virus isaan itti eda'an kun warra copy godhe adda baasuf isaan gargaara.
Namni software sana hin binne yeroo inni computera isaarratti install godhu yookan godhe, adda baafachuudhan
file computer sanarra jiru encrpyt godha ( nii jijjiira) akkasumas password jijjiira. Kanarran kan kahe baatii sadii booda warri software hate (copy) godhee itti fayyadamaa ture mudannon kun isaan mudachuu eegale.
Obboleewwan laaman Virus sana keessatti wanti isaan dalagan inni guddaan computer nama cufuudha isa booda bilbila isaaniif address isaanii screen computer irratti barreessa. Kanarraan kan ka'e guyyaa tokko kessatti hospitala 1000 ol kan tahan system isaanii jalaa cufamee bilbila obboleewwan lamaanii qofa fiduutti ka'e.
Sanaan booda isaanis maallaqa software isaanii kaffalsiifatnii isa encrypt godhan decrpyt godhan jedhama.
yeroo sanatti seerri yakkaa Computer crime jedhu waan hin turreef obboleewwan lameen osoo hin hidhamin hafan.
Gochi obboleewwan lameen kanaa waan warra Europe aarseef yeroo jalqabaaf bara 1988tti Antivirus oomishan.
Yeroo amman kana Obbolewwan lamaan kun Company Telecomunication Pakistan kessatti tokkoffaa tahe maqaan isaa BrainNet Jedhamu qabu.
2 Comments
Yaada baayee gaariidha
ReplyDeleteDhugaa Baayyee Gaariidha
ReplyDelete