Ad Code

Ajjeechaa gorsaa waraana eegdota warraaksa Iraan.

Gorsaan Waraana Eegdoota Warraaksa Iraan ajjeeffamuu dhaga'agame


Gorsaan Waraana Eegdoota Warraaksa Iraan Ziyaad Raasii Muuseeviin haleellaa Xiyyaaraa Isiraa'eeliin ajjeeffamuu Teeleeviizhiin biyyattii beeksise.

Ziyaad Raasii Muuseeviin dhiyeenya Sooriyaa fi Iraan gidduutti dhimmoota Waraanaa waayita qindeessaa jiran ajjeeffamuu Pirees TV gabaaseera.

Ziyaad Raasii Muuseeviin Ameerikaan kan ajjeeffaman Ajajaa Eegdoota Warraaksa Iraan kan turan jeellee hojii Leetanaal jeneraal Qaasiim Suleeyimaanii ta'uu eerameera.

Eegdoonni Warraaksa Iraan ibsa laateen ajjeechaa Ziyaad Raasii Muuseeviinirratti raawwateef duub deebii madaallaaa kan kennu ta'uu ibseera.

Mootummaan Isiraa'eel Sooriyaatti iddoolee qabiyyee waaraanaa Iraan jetturratti haleellaa raawwachaa turuu TV Pireesii fi Aljaziiraan gabaasaniiru.



Post a Comment

0 Comments