Ad Code

Qaama miidhamtoota ta'anii namoota addunyaa kana jijjiiranii darbanii fi jijjiiraa jiran.

👉 Franklin Delano Roosevelt: Pirezidaantota Amerikaa gurguddoo keessaa tokko ture. Yeroo waraana addunyaa lammaffaa biyya isaa moichaan hoogganuun beekama. Dhukkuba pooliyoo isa mudate irraa kan ka'e qaamni isaa laamsha'ee umurii isaatti wiilcheerii fayyadamee socho'a ture. Laamsha'uun isaa geggeessaa biyya guddoo ta'uu irraa isa hin daangessine. Qaama-hir'attoonni hojii hunda caalaa ulfaataa ta'e-pirezidaantii USA ta'uu- hojjechuu akka danda'an ragaa jiraataa ta'ee darbe. 


👉 Stephen Hawking: Hayyoota Fiiziksii addunyaan kun argite isaan gurguddoo keessaa nama tokko ture. Kitaaba baayee beekamaa 'A Breif History of Time" jedhamu barreessuun kan beekamu Hawking qorannoolee gurguddoon inni 'Quantum Mechanics' irratti taasise yoomuu hin dagataman. Qaamni isaa guutuun laamshaaa waan tureef of danda'ee deemuus ta'e dubbachuu hin dandau. Yaadota isaa kan ibsatu deggersa kompiyuutaraan qofa ture. Miidhama qaamaa guddaa kan qabu Hawking hayyoota gurguddoo seenaan oggayyuu hin irraanfanne ta'ee darbe.


👉 Lenin Moreno: Bara 2007 hanga 2013 ALA tti itti aanaa pirezidaantii Ikkuwaador kan ture namichi kun gara siyaasaa seenuu isaa dura dhukaasa itti dhukaafameen qaamni isaa laamsha'e. Qaama-miidhamaan kun sadarkaa sana irra ga'uun isaa lammiilee Ikkuwaador kanneen qaama-miidhamoo ta'aniif kaka'umsa guddaa ture. Quuqama qaama-miidhamtootaaf qabuuf akkasumas waa'ee isaaniif dubbachuu isaaf bara 2012 ALA badhaasa Noobeliif kaadhimamee ture.


👉 Helen Keller: Iji ishee arguu hin danda'u, gurri ishees guutummaan guutuutti hin dhaga'u. Kun miidhama guddaadha. Haa ta'u malee, seenaa keessatti namoota miidhama qaamaa akkanaa qaban keessaa yeroo jalqabaaf digirii fudhachuu kan dandeesse Helen Keller turte. Barreessituu fi rogeettii siyaasaa turte. Miseensa Paartii Sooshaalistii Amerikaa kan turte Keller, bara jiraattetti kitaabilee gurguddoo 12 ta'an barreessiteetti. Qaama-miidhamtoota biroo gargaaruuf hojii isheen guutummaa addunyaa irra naannoftee hojjettes sammuu seenaan yoomuu yaadatamaa jiraata.


👉 Nick Fujicic: Bara 1982 ALA ilmi isaanii harkaa fi miila malee yoo dhalatu maatiin Nick Fujicic abaarsi waan isaanitti dhufe itti fakkaatee ture. Haati isaa yeroo jalqabaaf yoo argitu deessistuu irraa fuutee harma hoosisuu didde. Ishee fi abbaan manaa ishee mucicha akkuma arganiin gad ba'anii hooqqisuu isaanii dubbatu. Garuu mucichi abaarsa hin turre. Karoora Waaqayyooti. Haaluma sanaan guddatee, baratee, gaa'ela dhaabbatee, ijoollee horee maatii isaa waliin jireenya gammachuu jiraata. Guutummaa addunyaa irratti waltajjiiwwan gurguddoo irratti argamuun haasaawwan si'eessoo fi hamileessoo ta'an taasisuun beekama.







Post a Comment

1 Comments