Pattern/Password mobile keenyaa akkamitti hojjetta? Bakkinni itti save tahuhoo?
Pattern lock mobile xuqaalee 9 jiran walqunnamsiisudhan uumama. Akka standard ttis yoo xiqqaate afur tahuu qaba, akkasuma gidduusaanii qaawwan jiraachuun qabu, akkasumammoo xuqaa tokko irra deebinee filachuu hin dandeenyu.
Essatti save ta'a?
Mobile keenya altakkaa yoo pattern dhaan cufneerra tahe, operating system mobile keenyaa ykn android dhossaadhaan folder data jedhu jala keessoo system folder kaawa jechuudha (data/system). Maqaan file password keenya bantuu achi jalaan “pc.key” dha.
Folder kana kallattiiman bannee arguu nii dandeenyaaree?
Deebii: Hin danda'amu. Garuu mobile keenya ADB interface irra goone akkasumammoo root yoo goone bannee ilaaluu dandeenya. Mobile tokko tokko sirummaayyuu akka nuti root goonu nuun eyyamu.
Yoo pc.key file sana banne password keenya kallattuman arguu ni dandeenyaa?
Deebii: Hin dandeenyu. Maaliif yoo jettan yeroo hunda password yeroo save godhamu dura encrypt taha akka namni dubbisuu hin dandeenyetti. Kana gochuufimmoo Secure hash function fayyadama (SHA1). Warra jechi kun isiniif hin galleef dur math’s yeroo barattan yaadadhaa. Function tokko tokko inverse qabu kaanimmoo hin qaban. Kanaaf encrptiopn dhaafimmoo isa inverse hin qabne fayyadamna jechuudha. Kanaan ala hattuun computer tokko function sana argannaan kan nama hundaa baruu danda'a waan ta'eef jechuudha.
Fakkenya: Mee kaanee mobile keessan pattern 752369 cuftan haa jennu (kan suuraa irra jiru). Yeroo save tahu akka namni hin dubbisnetti bifa armaan gadiin save taha: 0×82 0×79 0x0A 0xD0 0xAD 0xEB 0×07 0xAC 0x2A 0×78 0xAC 0×07 0×03 0x8B 0xC9 0x3A 0×26 0×69 0x1F 0×12.
Kanaaf yeroo baayyee mobile keenya yoo pattern irranfanne maloota lama fayyadamu dandeenya
1) Factory reset. Malli inni kun data keenya hundasaa nu jalaa ballessee akka gaafa isa binneetti deebisa.
2) Root: mobile keenya yoo root goone file password keenya baatu “pc.key” sana waan argannuuf ishee dhuma delete gochuu dandeenya. Kanaaf mala kana yoo fayyadamne file keenya hin badu jechuudha.
1 Comments
Ok, thanks
ReplyDelete