Ad Code

Rakkoon akkasii isin qunnamee beekaa?

Wantoota rakkina suuraa irratti mullatu kana fidan (yookan sababa tahan)

1) Hard disk n guutummaattii yoo guute (Lessthan 1GB is remaining)


2) Meeshaa keessanirratti BIOS (Basic Input Output System) yeroo update tahu yoo gidduutti citee ture fakkeenyaaf gidduutti internet bade, yookan immoo utumanni update tahaa jiru "wait for a second" otuu isiniin jedhuu diddanii cuftan


3) Dhihenya kana device driver haaraa feetanii turtan (fakkeenya kan printer). Wanti isin feetan kun Operating system keessan waliin wal fudhachuu yoo dide (incompatible with your OS) conflict wanna uumuuf system keessan akka blue screen fidu taasisa.


4) Computer keessatti wanna nuti install goone marti registry keessatti galmeeffama. Galmeen kun akka carraa corrupt yoo taate computer jaamaa wanna tahuf bakka kahu wallalaa sanaf halluu blue sana mullisee akkasumatti ijaajja. Keessattuu al takka takka Antivirus tokko tokko dogoggoraan registry key wanna jijjiraniif maddi ka'umsa dhukkuba kana antivirus dha.


5) Inni guddaanii fi inni dhumaa otuu system ykn OS keessan update gootani gidduutti yoo kuttan.


Fala salphaa

1) Flash memeory Keessanirratti Window10 bootable godhaa

2) Isa booda bios keessa seenaati computer keessan akka Flash irraa kahu godhaa

3) Isa booda Egaa language filattanii Filannoo lamatu isinii dhufa: INSTALL or REPAIR.

Amma kan nuti gochuu deemnu isa bade sirreessuudha malee install gochuu miti kanaaf REPARIR

isa jedhu filadhaa.


4) Click Troubleshoot Option

5) Amma advanced option isiniif fida.


a) System Restore Kan jedhu. Yoo isa kana filattan computer keessan gaafa inni fayyature yeroo darbetti isiniif deebisa. Rakkon fala kana software isin gidduu kana fe'attan ni ballessa, garuu rakkoo keessan sirritti fura keesattuu dhukkubi sun virus dhan kan kahe yoo tahe.


b) Inni Lammataa Startup Repair dha

Inni kunimmoo wantoota (ykn obstacle) akka computer keessan hin kaane dhorku fura. Fakkeenya bootloader, ntldr, fi kkf yoo corrupt tahanii jiru tahe ofii isaan sirreessa. Hubadha falli kun yoo rakkoon keenya kan OS walin walitti dhihaatu tahe qofa nuu sirreessa. Kanaaf Inni jalqaba yoo isin dide isa lammataan yaaluudhan rakko keessan furachuu dandessu.



Post a Comment

1 Comments

  1. Wanti kun yeroo baayyee na rakkisaa ture. Amma garuu furmaata isaa isin biraa waanan argadheef galatoomaa 🙏

    ReplyDelete