Ad Code

Waa'ee code kanaa ( *#*#4636#*#* ) meeqan keessantu beeka?

Akkuma beekamu mobile keenyarra secret code hedduutu jiru

kaan haala salphadhan setting akka jijjiirru nu taasisu kanimmoo wa'ee mobile keenya:
bara kam akka uumame, waggaa meeqa akka dalage, status battery keenyaa fi kkf nutti hima.

Kan harraaf isinii dhiheessu waa'ee code
*#*#4636#*#*
code kana mobile kessanirratti yoo katabdan wantoota jajjaboo sadii argattu

1) Phone information
Inni kun bakka tokkotti detail mobile kessanii isiniif fida.
Fakkenya: IMEI number, current network, signal strength mobile keessanii,
Preference, Ping Test, and All Cell measurement info isiniif fida.

2) Usage statistcs ( Dhossaa mullistuu)
Fakkenya mobile keessan keessanii manaa baatan. Yeroo deebitan qarshiin yookan
data package mobile kee dhumee si eege. Maaltu akka tahe hin beektu, namni fayyadamuu danda'a
akkasuma application background dhan fayyadamaa jira tahuu dandaha.

Kun hundi deebii qaba.
USage statistcs yoo filtan wantoota isinin gidduu kana fayyadamtan hundasaanii galmessee isinii kaha.
Yoom akka facebook bante, daqiiqa meeqaf akka fayyadamte galmeessee siif kaha.

Kanaafu namni tokko harra website kam akka banaa oole, akkanni hordofaa oole haala salphan as keessaa
gadi yaasuu dandeessu jechuudha.

Kan namatti tolu wanti asirratti barreffamu delete hin tahu wanna taheef dhugaadha jechuudha. Anoo mobile kee hin
tuqne, haqa rabbii ani harra facebook hin banne jedhee namni yoo si mormee mala kana fayyadamaa isa sobe adda baafadhaa.

Hubadhaa: Gorsi kiyya wallolaf miti nama sobuu akkanni irra deebi'ee hin sobne godhaadha malee. 





Post a Comment

2 Comments