Ka'umsi Google barattoota kadhimamoo PhD maqaan isaanii Larry Page and Sergey Brin jedhamaniidha (Jarren lameen suurarra jiran). Barattonni kunnen waraqaa eebbaa (PhD Dissertation) gosa barnoota Computer Science dhaaf mata-duree otuu barbaadanii wa’ee Page Rank (algorithm marsariiti waldorgomsiisee isa gaarii fi isa nuti gaafannee waliin wal fakkaatu dhiheessu) irratti dalaguuf walii galan. Kanarraan kan kahe bara 1996 yeroo jalqabaaf marsariitii barbaadduu (concept of Search engine) kan maqaan isaa “BackRub’ jedhamu maddisiisan. Isiniif ibsuuf hojii isaanii kan dursa namni tokko website ykn information yoo barbaade guutummaa website barbaade Sanaa katabee qofaadha kaninni argachuu dandahu. Fakkeenya: Nami Information wa’ee Jimmaa University barbaadu dirqama URL jimmaa University guutummatti beekuu qaba jechuudha (www.ju.edu.t).

Egaa isaan system isaanii kan yeroo sanatti BackRub jedhamu hojjetanii garuu kan beekun nurraa eegalu jimma university wanna jedhu qofadha jechuudha.

Haaluma kanaan ega PhD isaanii fudhatanii Company adda addaa dandeetti isaanii ilaaludhan kaffaltii waggaatti hamma $1,000,000 dhiheessanif. Dargaggoon lamen sun garuu Company hunda diduudhan bank irraa doolaara $100,000 liqeeffatanii Computer barbaachisu bitatanii Research isaanii baballisuu eegalan. Waggaa tokko gidduutti (bara 1997), Google.com kan jedhamu domain name bitatan. Akka seenan jedhutti maqaa kana kan isanif kenne hiriya sanii ture. Jechi Google jedhu jecha kan game "googol" jedhu irraa madde, hiikan isaas lakkofsa duwwaa 100 qabu jechuudha.

Walumaa galatti gaheen Google.com information website addunyaarra jiru sassaabuudha (index gochuudha) innis Website tokko eessa jira, barreeffama akkamiitu irra jira (keywords), suuraa akkamiitu irra jira, nama meeqatu dubbisee beeka…. Kan jedhu olkahanii nuuf akka salphatti search goonuf nu fayyadu jechuudha.

Yeroo amma kana hojjettoota dhaabbatoo 88,110 ol qaba, akkasumas galiin isaa waggaa waggan $16,000,000,000 olidha.