Akkuma hundi keessanuu beektan qaama komputerii keessaa ajaja (ykn instruction) kan software keessa jiru kan gara hojiitti jijjiirudha. Fakkeenya software keenya calculator yoo tahe code name kalaqe sanarratti hundahun yeroo name button lakkofsa xuquu akkanni screen irratti mullatu gochuu akkasumammoo name lakkofsa lama sensisie yoo mallattoo ida'uu tuqe lakkofsa sana gara register(temporary memeory inside CPU) asii ol fudhachuudhaan qaama ALU(Arithmetic Logic Unit) jedhamu fayyadamun lakkofsa seene sana walitti ida'ee akka nutti mullatu taasisa. Gababumatti sochiin computer ykn electronics device dhaan geggeffamu marti to’annoo fi ajaja CPU dhan jechuudha.
Ega Core Processor jechuunoo maaliree?
Technology Core processors (Core i3, Core i5, Core i7) jedhamu kan kalaqameef saffisa computer keenyaa dabaluudhaaf. Tokkoffaa CPU kanaan dura turan kessanonsaani core (qaama hojii hunda toatu tokko qaba) tokko qofa qaba. Kana jechuun hojii nuti dalagnu hunda tartiiban dalaga jechuudha , ega isa tokko fixee ammammoo isa biraa dalaga jechuudha. Kunimmoo computer keenya baayyee slow godha kessattuu application yookan software Wantoota hedduu walduukaa hojjetan irratti dadhabaa nujalaa taha.
Fakkenya game bannee yeroo taphannu computer keenya waan hedduu walduukaa dalaguu qaba.
(1) Wanna nuti keyboard irraa xuqnurratti hundaa'ee kallattii jijjiruu, ariitii dabaluuu
(2) Sagalee dabaluu, xinneessuuu
(3) yoo konkolaata biraa walin walittu buune score hirrisuu, yookan konkolaatan akka dafacamu gochuu, akka cabnuu gochuu fi kkf. Egaa amma wa hubattan jedheen yaada. Core tokko qofa yoo fayyadmne (Oldest type of computer) Wantoota ani armaan olitti dhiheesse walduukaa qindeesse computer keenya rawwachuu hin danda'u. Kanaaf maal godha jalqaba ajaja isa jalqabaa ega xumuree isa tokkotti darba. Kanaaf yoo isin konkolaata biraa walin walitti buutan ega isin karaa fagoo deemtani konkolaata sanafaa cabsa yookan immoo score keessan hirrisa jechuudha.
Kanaaf qorichi wanna kanaa Core processors dha jechudha. Innis processor tokko tahee core (yookan qaama akka cpu tti dabalu) 2 fi isaa ol kan of keessa qabudha. Kanaaf hojiilee heddu parallel kessummessuu dandaha jechuudha. Fakkenyaf Yeroo Bank deemtan foddaa customer service hedduu yoo argitan jarreen walduukaa nama hedduu kessummessuu danda'u. Yoommoo nama qarshii nuu kennu (customer service) tokko qofatu jira tahe nama tarree gale dhaabbataa oola jechuudha.
Kanaaf core processor hundisanii dandetti akka kanaa nuuf kennu jechuudha. Hojii dheeraan tokko yoo CPU tti kenname gargar hiratanii walduukaa nuuf dalagu kanaaf dafanii hojiisanii xumuru jechuudha.
Fakkenya yeroo Youtube ilaaltan waa lamatu dalagama duddubaan. Video isin bantanii jirtan tartiiban gara computer kessan dhufa. Isin daqiiqa lamarra gessanittu yoo tahe inni daqiiqaa sadaffaa karaa internet toora qabate isinii dhufa. Egaa as kessatti core processor fayyadamna yoo tahe core keenya dursee hamma daqiiqa 5 nuuf fiduu danda'a kanaaf video keenya akka isa kaanii gidduttin ciccitu jechuudha.
Hubachiisa
Core i7 jechuun core 7 qaba jechuu miti kun maqaadha, tahus model kun core i5 tahe core i3 nii caala, kanaaf lakkoofsi 7 relative performance ibsuuf malee lakkoofsa core miti jechuudha..
Summary
Core i3 = core lama of keessaa qaba
Core i5 fi Core i7= Core 4 hamma 8(DEPENDING ON THE MODEL NUMBER) of keessaa qaba
Garaagarumman Core i7 fi i5 gidduu jiru inni guddaan cache size dha. Cache jechuun bakka CPU data isaa yeroodhaaf kaawwatu jechuudha. Cache guddaa qabaachuun akkuma yeroo wa’ee Youtube ibsine sana data hedduu olkeewwachuf nu fayyada jechuudha.
Share gochuu hin dagatinaa!

0 Comments