Ad Code

Kana Beektuu Laata?

 Saamtuun baankii tokko fuulli isaa akka hin argamneef haguuggii fuulaa uffachuun, ashaaraan quba isaa akka hin argamneef guwaantii uffachuun, ragaa DNA argachuu akka hin dandahamneef wantoota adda addaa uffachuu danda’a. Shakkamaa adda baasuuf maal gochuu dandeessu yoo inni haguggatee dhufe, ashaaraas dhabdan?


Furmaata: Teeknooloojii Deemsa namaa irratti hundaahun nama adda baafatu kan "Gait Recognition" jedhamu fayyadamuudhan deemsa (GRT) .


Waan fedhe haa ta'u saamtuun baankii tokko yeroo deemuu ykn fiiguu qaba yookaan deemuu qaba bakka sana gahuuf. Akkuma beektaan baankoliin immoo CCTV ofirraa qabu. Yooma saamtuun sun fuulli isaa hin mullatu taheyyuu video waraabuu ittuma fufa. Kanaaf ragaa nuti qabnu amma akkaataa deemsa nama sanaa yookanimmoo akkaataa inni itti fiigudha.


Akka saayinsiin jedhutti akkaataan deemsa namaa akkuma finger print keenyaa adda addadha.


AI’n kan hojjetu, teknooloojiin beekamtii Deemsa boca qaama nama dhuunfaa tokkoo fi akkaataa addaa qaamni sun yeroo deemu ykn fiigu itti socho’u xiinxaluu danda’u kan GRT jedhamudha.


Haala kanaan teknooloojiin kun akka ragaa fooransikiitti fayyadamuun namoota ajjeechaa fi saamichaan shakkaman adda baasuun ni danda’a. Teeknooloojiin kun akkaataa itti deemu ilaaluun nama tokko adda baasuuf hanga %94 sirrii dha.


Nagaan oolaa!

Post a Comment

1 Comments