Seenan Facebook kan eegale dargaggoo maqaan isaa Mark Zukerberg jedhamudhaan. Mark Zukerberg daa'imummasaarraa kaasee nama dandeettii programming/coding barateedha. Ibsa Interview adda addaarratti kenneen kahumsi isaa abbaa isaati. Abban isaa gaafa dhaloota isaa (waggaa 7ffaa) kitaaba computer kan maqaan isaa “C++ for dummies” bitee kenneef. Achumaan dandeetti isaa cimsachuun yeroo umuriin isaa 11 tahu software ZuckerNet jedhu dalagee abbaa isaaf kenne. Abbaan isaa yeroo sana Hakiima Ilkaanidha. Software kana fayyadamuun abbaan isaa dhukubsattoota isaa waliin guyyaa beellamaa waliin qabata, akkasumas yoo rakkon isaanitti dhufe chat waliin godhu. Software kun business abbaa isaa hedduu guddise, kanarran kan kahe abban isaa desktop haaraa bitee isa badhase.
Mark Zukerberg bara 2002 department Psychology Harvard University seene. Bara 2003 tti otuma barataa jiruu software “ Facemash” jedhamu nama kalaqeedha. Bara sanatti Mark Zukerberg software sana kan dalageef barattoota shamarrannii miidhagina isaanii waldorgomsiisudhaaf(dorgoommii miidhaginaa jechuudha). Nami system kana login yeroo godhu suuraa shamarranii University sana arga, sanbooda abbaa nii bareeddi jedhu filata jechuudha, baratan tokko ala tokko qofa filata jechuudha(fakkiin sotware cha kan facebook fash jedhu isa barreeffama kana waliin maxxansamedha).
Yeroo sanatti Mark Zukerberg dogoggora tokko dalage. Innis suuraa shamarranii sana eeyyama University malee security Harvard cabsuudhan database kan wa’ee barataa qaburraa suuraa, maqaa fi ID shamarranii guuree software isa kan FaceMash jedhutti upload godhe. Sababa kanaaf University irraa aria’atame. Dhumarrattis sababa adda addaa dhihessuudhan dhiifami akka godhamuuf taasifame.
Akkuma kanaan otuu jiru, Facemash kun baballatee University USA keessa jiran waliin gahe. Kanarran kan kahe bara 2004 tti maqaa isa kan Facemash irraa gara “thefacebook.com” jijjirratte. “thefacebook” kaninni jedhameefis marsariitin kun fuula namaa qofa olkaahee namatti waan agarsiisufidha. Baballisuun itti fufee, bara 2005tti UK fi biyyota biroo keessatti baballachuu eegale. Haaluma kanaan bara 2006, akka addunyatti gadi dhiifamee maqaa isaa kan amma Facebook jedhamu argate.
0 Comments