Ad Code

Vaayirasiin dhaabbata gurguddaa gubu kalaqame.

Inni amma jiru:
1) kaan data kee encrypt ega godhii qarshii naa kaffali jedha. Fakkenya Ransomware. Hattun fagoo taahee data computer keerra jiru gutummatti encrypt godha. data kee hin banamu. Data barbachisa qabda taanan falati qabdu kaffaluu qofadha. Kaffaltiin bitcoin dhaan. Kanarraa kan kahe hattuchi eeny akka tahe beekun hin dandahamu biyyi isas hin beekamu. Galiin yakka kanarraa bara Corona kana keeessa qofa hattonni nama kaffalsiisan biliyoona jahadha akka addunyatti (LUcrative business). Kanarran kan kahe hattommi calmaan gara kanatti fulleffataa jiru. ISaan data keessan encrypt godhu atimmoo kaffaltee decryption key harkaa fudhatta (maarree kuni business jabaa taheefi jira). HUbadhaa biyyonni fi company addunyan hedduun waggaa sadan darban keessaa gosa hanna akkasiin waxalamaniiru. Garuu hamma kaffalan keessaa kan medai tti gabaase percent 15 qofa, kanaafu isa hafe isinumtuu murteessaa. Biyyi keenya waan kana gabasteen beektu hatamnerra jettee garuu media hattoota (darkweb) irratti maqaan Ethiopia list gara olii keessa jira warra kaffalee decryption bitate keessa. Company kam akka isan kaffalsiisan garuu hin himamne.

2) Inni lammata computer dhumakee sirkaa fudhata. Jechuunkoo Operating system passpwrod sirkaa fudhata. Gaafa ati log off goote deebitee bantu baga nagaan dhufte olseenun dandasee naf kaffalte malee siin jedha. Isa kanaafis kaffaltin bitcoin dhaan.
Isin yeroo kana dubbistan password crack godha jechuu dandeessu. Garuu bootloader attack waan godhuf isin dogoggoirtanii yoo cuftan file keessan keessa galtaniittu. Yooma Powerful recovery software fayyadamtan malee. 

3) Inni hamaan Hardware dhuma gubuu kan dandahu. 
Fakkenya gosi virus Stuxnet jedhamu Iran's nuclear bakka omishtutti meeshaleen akka gubatan taasiseera. Virus kun maal godha yoo jettan meshan electronics kan PLC dhaan dalagu tokko humna ifaa humnaa ol akka itti darbu gochuu dandaha yookan saffissa isa dabaluu dandaha kanarran kan kahe meshaleen DC dhan hojjetan akka gubatu godha. STuxnet maalgodha yoo jettan Centrifuge ittin nuclear reaction uuman saffisan akka ofirra naannahu godha. Kanarran kan kahe sa'ati tokko keessatti centrifugue nuclear plant biyya iran keessa jiru kuma ol gube. Beeka jarri wanta meeshaa kana gubaa jiru waggaa olif hin banne. Isan rakko electricity jedhanii Centrifuge haaraa bitaniima jijjiru, dhumarratti Iran oomisha siruma dhaabde. Biyyonni kana hojjetani gara Iran erganis beekamodhuma. 
Mataduree biran gaafa biraa deebina.


Post a Comment

2 Comments

  1. Barumsa gaarii isinirraa argachaa jirraa jabaadhaa

    ReplyDelete
  2. Garam garam dubbiin

    ReplyDelete