Ad Code

Gaaffii deebii dhabeefi Joorji Daalzigii

Akka lakkoofsa Addunyaatti bara 1939 ture. Joorji Daalzigii barataa ture. Guyyoota keessaa gaaf tokko barfatee daree seene. Yeroo inni daree seenu barsiisaan Istaatiksii barsiisee ba'eera. Gaaffiilee lama kan barsiisichi gabatee gurraacha irratti barreesse garuu akkuma barreeffamanitti turan.

Daalzigiin gaaffiilee sana lamaan yaadannoo isaa irratti barreeffatee gara doormii isaatti deebi'e. Hoji-manee barsiisichi kenne akka ta'etti ture kan yaade. Gaaffiilee sana hojjechuun itti ulfaatu illee, dandeettii qabu haalaan fayyadamee lamaan isaanii hojjete. Akkuma hojjeteenis gara waajjira barsiisaa isaa geesse.

Barsiisaan isaa hojiin akka malee itti baay'atee waan tureef, gabatee kuticha keessa jiru tokko irra akka inni kaa'u mallattoon itti agarsiise. Innis kaa'eefii ba'e. Barsiisaan Istaatiksii sun hojii isaa akkuma xumureen waraqaa Daalzigiin gabatee irra kaa'e sana fuudhee ilaaluu eegale. Ni dubbise. Dubbisee garuu waan arge amanuu dadhabe. Waan ajaa'ibaa ture!

Borumtaa ganamaan barsiisichi deemee balbala doormii Baalzigii rurukkute. Ka'ee yommuu balbala doormii isaa Danu barsiisaan Istaatiksii isaa dhaabatee arge. Ni rifate. Barsiisaan isaa gara doormii dhufuun bitaa itti gale. Barsiisichis nagaa isa gaafatee booda, <<Baga gammadde!» ittiin jedhe, «Waraqaa qorannoo eebba keetii xumurtee jirta! Qorannoo biroo hojjechuun si hin barbaachisu.>>

Amma daran burjaaja'e-Daalzigiin. «Maaltu ta'e barsiisa?» jedhee gaafate. «Maal seete?>> jedhee deebii kennuufii eegale barsiisichi, <<Gaaffiileen ani kaleessa gabatee gurraacha irratti barreesse lamaan seenaa Istaatiksii keessatti haga ammaatti deebii hin arganne. Anis barattoonni gaaffiilee deebii hin arganne sana lamaan akka baraniifan gabatee irratti barreesse malee akka hojjetaniif hin turre. Ajaa'iba! Ati garuu akkuma hojii manaa salphaatti hojjettee fidde. Sunuu yeroo gabaabaatti. Eyyee, baga gammadde!" ittiin jedhe.




Post a Comment

0 Comments