Ad Code

Ampulii yookaan Light Bulb Akkamitti hojjeta?

🚨 

Akkuma beektan sibiilli kamuu ifa uumudhaaf dursa baayyee ho'uu qaba. Yeroo garmalee ho'u atomiin sibiila keessa jiran saffisaan waan fiiganiif ifa uuma (visible light) jechuudha.
Eeyyen Light Bulb(Ampulii kan nuti jennus) bifuma kanan hojjeta. Akkuma beektan kessa ampulii shiboo qaqalloo maramtuutu jira. Shiboon kun element tungsten irraa kalaqamte, maqaan shiboo kanaas filament jedhamti.
Gaaffin qaba, shiboon kun yoo nuti ifa ibsaa turre ho'arraan kan kahe maaf hin baqxturee?
Deebii: Tungsten kanaaf filatame. Elementiin kun baquudhaf temperature garmalee itti gadi dhiifamu qaba, kanaf salphatti hin baqu yookan hin gubatu jechuudha. Dabalataan keesso ampuulii oksiijiiniin hin jiru kanarran kan kahe carraan gubachuu isa xiqoodha. Maalif yoo jettan wanni tokko kaninni saffisan gubatu yoo qilleensi jiraatedha kanaaf keessoo ampulii combustion hin jiru jechuudha.
Akkuma isin Physics keessatti beektan current kan socho'u yoo voltage (yookan humni isa dhiibu jiraatedha). Kanaaf battala nuti bantuu ibsaa tuqnu current ampulii keessa socho'uu eegala. Yeroo filament ho'aa deemtu resistance ampulii dabala Jechuun current deemsisuu dida. Yeroo inni dide voltage fi resistance n cimu ifa uuma jechuudha. Bayyee yeroo ho'u resistance isaa nii cima, kanarran kan kahe ifa uuma jechuudha.  Kanumadha egaa waa'een iftuu mana keenya keessaa yoo irranfattanittu taheef jedheen.

Post a Comment

1 Comments