Niwu Yoorkitti kan argamu riqichi Biruukiliin guddichi yeroo ijaarame Injiinarri ol-aantummaan hojjete Joon Roobliingi jedhama. Hojichi hojii salphaa hin turre. Ijaaramee xumuramuuf waggoota 13 guutuu fudhate. Bara 1883 ALA yoo xumuramu addunyaa keenya irraa riqicha finyoo sibiilaan hojjetamee rarra'u kan jalqabaa ture.
Joon Roobliingi Niwu Yoorkii fi odola Loongi Ayilaandi riqichaan wal qunnamsiisuuf yoo yaadu yaadichi yaada maraatummaa fakkaata ture. Injiinaroonni gurguddoonis yeroo jalqabaaf yaada nama kanaa yoo dhaga'an haala hamilee isaa cabsuun itti ge'isan; itti kolfan. Yaadni kun tasuma yaalamuu akka hin dandeenye itti himan. Haga yeroo sanaatti eenyu illee galaana irra riqicha kiilomeetira lama dheeratu ijaaree hin beeku waan ta'eef. Ta'u illee, Roobliingi tasuma abdii hin kutanne. Yaadni ogeeyyii gurguddoon isaaf kennanis booda isa hin deebisne.
Roobliingi yaadni isaa galma ga'uu akka danda'u anansiisuuf namoota hedduu waliin dubbate. Abjuu waan raawwatamu hin fakkaanne sana namoonni akka amanan taasisuun garuu baay'ee ulfaataa ture. Dhuma irratti ilmi isaa Waashingiten yaadni abbaa isaa hojiitti hiikamuu akka danda'u amanuuf nama jalqabaa ta'e. Ilmi isaa kun injiinara haaraa dhi'eenya addunyaa hojiitti seene ture.
Joon Roobliingi ilma isaa abjuu isaatti amane Waashingiteen waliin ta'uun hojii riqichichaaf haal-duree mijeessuu regale Lama ta'anii jalqaba riqichichi akkamitti akka ijaaramuu B rakkooleen hojicha irratti Isaan mudachuu danda'an maal maal akka ta'an qoratan. Kaka'umsaa fi fedha guddaanis hojii guddaa fuula isaanii dura jiru eegalan. Karaa sodaachisaa ture.
Pirojektii namoonni hedduun akka maraatummaatti ilaalan sun ni eegalame. Jalqabni isaas bareedaa ture. Maal godha garuu? Jalqabamee yeroo xiqqoo booda taateen gaddisiisaa fi suukaneessaan tokko mudate. Balaa guddaatu qaqqabe. Lubbuun Joon Roobliingi balaa sana irraa hafuu hin dandeenye. Namichi seenaa addaa hojjechuu eegale sun abjuu isaaf gatii lubbuu baase. Ni wareegame. Sana qofa hin turre taateen gaddisiisaan sun. Ilmi isaa Waashingitenis sammuun isaa ni miidhame. Balaa sana irraa kan ka'es dubbachuu fi socho'uu dadhabe. Miidhama qaamaa guddaaf saaxilame.
Miidhamni guddaan kun Roobliingii fi ilma isaa irra yommuu ga'u pirojektichi achuma irratti waan dhaabatu fakkaata ture. Namoonni gurguddoon duraan abjuun sun raawwatamuu akka hin dandeenye itti himaa turan balaa mudate sanaaf gumgumuu eegalan. "Maraatota kana! Dursinee itti himnee turre! Nu dhaga'uu didanii balaa irra of buusan. Riqichi hamma kana guddatu akkamitti galaana irratti hojjetama? Abjuu guyyaa keessaa ture. Gowwoota!" jedhanii itti ge'isan. Karaa ittiin isaan irratti dubbatan argatan. Carraa sanattis haalaan fayyadaman.
Waashingiten garuu balaa isa mudateen dubbachuus ta'e socho'uu kan hin dandeenye ta'us, amma illee abdii hin kutanne. Eyyee, abjuu isaaf abdii akkuma horatetti ture. Abjuu guddaa sana fiixaan baasuu akka qabu, akka danda'us ni amane; garuu akkamitti akka hojjechuu danda'u hin beeku ture. Guyyoota keessaa gaaf tokko siree hospitaalaa irra ciisee qilleensi golgaa foddaa yoo raasu ilaala. Golgaan yoo socho'u foddaa keessaan gara alaa ilaalee mukkeen qilleensi asii fi achi sochoosu ilaala ture. Ija isaa golgaawwan foddaa kutaa hospitaalichaa kan qilleensi raasu waliin asii fi achi otoo taphachiisuu akka tasaa yaadni haaraan tokko sammuu Isaatti dhufe. Maal ture yaadichi? Dhagni isaa guutummaan guutuutti naafatus quba isaa tokko garuu sochoosuu danda'a ture. Dandeettii qabu sanatti fayyadamee hojii hojjechuu! Nama mulataaf quba tokko qofa sochoosuu danda'uunuu ga'aadha! Quba isaa tokko sana sochoosee suuta suutaan haadha manaa isaa wajjin walii galuu danda'e.
Quba isaan irree haadha manaa isaa tuqee injiinaroota akka isaaf waamtu ajaje. Ni waamteef. Quba isaa tokko ishee sochoosuu danda'u sanaan irreewwan haadha manaa isaa tuttuqee injiinaroota sanatti ergaa hime. Haati manaa isaa mallattoo inni irree ishee irratti barreesse sana maal jechuu akka ta'e injiinerootatti himte.
Haala kanaan pirojektiin yeroof dhaabatee ture deebi'ee jalqabe. Dhuma irratti riqichi rarra'aan seenaa addunyaa keessatti yeroo jalqabaaf eegalame ni xumurame. Maarree riqichi Biruukiliin mallattoo jabina dhala namaa ta'ee jiraata.
1 Comments
Hero
ReplyDelete