Mucaa xiqqoodha. Guyyaa itti maatiin ishee ayyaana Qillee ayyaaneffachuuf qophiitti jiru ture. Galgala lafaa. Waraqaa qaalii kukkuttee faaya irraa hojjette. Kaayyoon ishee faaya miidhagaa sana muka qillee jala kaa'uu ture.
Waraqaa halluu wargee qabu kan gatii guddaan bitame isheen kukkutte gaafa argu abbaan ishee baay'ee aare. Aarees hin callisne. Ni reebe. Itti dheekkame. Boossee imimmaan ijoollummaa dhangalaaste.
Borumtaa ganama otoo inni hirribaa hin ka'iin kutaa ciisicha isaa seente. Kennaa harkatti qabattee jirti. "Abbaa koo!" jette kennicha itti hiixachaa, "Kun kennaa kooti. Siifan fide. Na irraa fudhadhu!"
Abbaan ishee gammachuu guddaan irraa fudhate. Ariifatees banee ilaale. Homtuu keessa hin jiru. Duwwaadha. Ni aare. "Kennaa yeroo namaaf kennan waan ta'e tokko keessa kaa'uu akka qaban hin beektuu? Kun amma kennaa jedhamaa?" jedhee itti dheekkame.
Ija jaalalaan ija abbaa ishee ilaalaa deebii kenniteef. Ijawwan isheetti imimmaan guuteera. "Abbaa!" jette, "Duwwaa mitiim!"
"Meerre maaltu keessa jiraree?" jedhee gaafate- ajaa'ibsiifatee.
"Dhungoon siif guuteen jira. Deddeebisee ergan dhungadhee boodan saamse. Kanaafuu, duwwaadha jettee hin yaadiin Dhungoo koo qabaa!" jette.
Abbaan ishee akka malee ajaa'ibsiifate. Waan jedhu dhabe Ijawwan isaa imimmaan calalan. Harka isaa diriirsee morma mucattii isa qal'aa haammate. Ofitti ishee qabe. Kennaa isheen isaaf laatte sana kabajaan gabatee siree isaa bira jiru irra kaa'ate. Yeroo aaruu fi miirri gadheen itti dhaga'amu hunda kennaa sana banee jaalala haala irratti hin hundoofne mucaan isaa isheen xiqqoon isaaf laatte yaada ture.
0 Comments